Sunday, 1 March 2015
Saturday, 28 February 2015
IBSA WALGAHII KHR-ABO
Koreen Hoji-raawwachiiftuu Adda Bilisummaa Oromoo Guraandhala 19 – 23, 2015tti teessuma qabaate. Erga ABOn tokkoomee walgahiin akkasii tahuuf kun kan duraa tahuun walgahicha seensa-qabeessa taasisa.
Shaneen Gumii ABO, Qaamni Cehumsaa ABO fi Koreen Yeroo ABO guutuutti tokkoomanii gaaddisa tokkicha jalatti walmarihachuun murtiilee qabsoo keenya jarjarsaa dabarsuu danda’uu fi waliin hojiitti hiikuuf waliifgaluun mooraa qabsichaa keessatti danboobaa fi seexaa eda’eera.
Wanneen yammuu tokkoomne fuula duratti raawwachuuf murteeffannee turres hojiitti hiikuuf walgahiin kun haala aanjesseera. Tokkummaan humnoota qabsoo bilisummaa Oromoo daran akka dagaaguf qajeelfamni Gumiin Sabaa ABO lafa kaa’e itti fufee kan hojiitti hiikamuuf dalagamu tahuunis irratti waliifgalame.
Walgahii kana irratti gabaasaan WHD kan haala yeroo waliigalaa fi adeemsa qabsoo keenyaa ibsu dhihaate. Akkasumas gabaasaan KQKS fi dameeleen hojii isaan ilaalu irratti gabaasaa manaaf dhiheese. Gabaasaaleen hundinuu gadi-fageenyaan gamaaggamaman.
Haalli Itiyoophiyaa, gaafa Afrikaa fi Addunyaa bal’inaan xiinxalaman. Haallan gaggaarii jiranitti dhimma bahuu fi gufuulee jiranis irra aanuun qabsoo keenya finiinsuuf qajeelfamoonni gargaaran tolfamaniiru. Sadarkaa hundattuu qabsoo keenyaaf firaa fi tumsa horuun yoomiyyuu caalaa fardeeffamee kan irratti hojjetamuu qabu tahuun murtaaweera.
Haalli jaarmaa ABO waliigalattii fi haalli hooggana ABO yeroo ammaa addatti ilaalameera. Jaarmaan keenya jajjabeeffamee waldhuunfannoon qabsoon keenya diina haadhoo irratti aggaammatee socho’aa jiraachuun hubatame. Hir’inaa fi laafina mul’atan guuttannee fi sirreeffannee caasaan Dhaabaa martinuu dirqama ofii shaffisaa fi gahummaan akka fiixa- baasan qindoominni barbaachisu godhame.
Walgahiin KHR ABO gochaa gara-jabinaa mootummaan EPRDF/TPLF ummata keenya irratti walitti fufiinsaa fi bakkayyuutti raawwataa jiru irra deebi’ee qaabateera.
Isaan keessaa hangi yaroonis: ummata keenya sababaa xixinnoo adda addaa uumuun hiraarsuu fi hidhaatti guuruu, lafa isaa fudhatuu fi gurguratuuf beenyaa malee qe’ee isaa irraa buqqisuun ummanni akka godaanee biyyaa bahu ykn karaa irra bulu gochuu, master plan Finfinneef yaade hojii irra oolchuutti gamuu fi miidhama dinaggee fi siyaasaa ummata Oromoo irraan gahuu bira kutee eenyummaa fi aadaa sabichaa balleessuu fi Oromiyaa cicciruu, ummataa fi barattoota mirga isaanii falmachuuf nagaan hiriiran rasaasaan fixuu fi hidhuu, barattoota Oromoo Yunvarsitootaa fi Koollejjoota adda addaa keessaa arihuu, Oromoo fi ummatoota biraa walitti buusuun diinummaan akka gidduu isaanitti babal’atu beenzina itti firfirsuu, warra keessa hin beeknetti dimokraatawaa of fakkeessuuf akkuma baretti aangoo irra of tursuuf filmaata shiraan guutamee fi farra-dimokiraasii tahe geggeessuuf jaarmota siyaasaa biyyattii biroo fi ummata sodaachisuu fi jeequutti bobbahuu faa dha.
Kun ummanni beelaan, hiraariin fi ajjeechaan akka lafa irraa duguugamu gochuun jal’ina hiriyaa hin qabne raawwachuu dha.Gochaaleen kanneen hatattamatti ummata keenya irraa dhaabachuu qabu.ABOn gochaalee nyaaphaa kanneen iggituu fi tuuta of-tuultota qabeenyi Oromiyaa quubsee fi macheesse adabachiisuuf wareega barbaachisu hunda baasuuf qophii tahuu mirkaneessa.
WAAMINSA:
Miseensota ABOf,
Har’a roorroon daangaa dabarte ummata keenya irratti raawwatamaa jiraachuu irraa kan ka’e keessaa fi alaa filmaanni diina qabsoon of irraa dhaabuu akka tahe hubatee ummanni keenya diddaa fi fincilaan diina muddee argama.Socho’iinsa ummata keenyaa kana milkeessuu, qarriffaa diinaa irraa buqqisuuf yoomillee caalaa tarree duraa irra hiriiruun saba keef fakkii gaarii tahi.
Hafuurri tokkummaa fi hamileen qabsoo Dhaaba keenya keessatti mul’achaa jiru
waltajjiilee fi dirreelee falmaa hunda irratti hojiitti jijjiiramee akka argamu bakkayyuu of-kenninsaa fi murannoon warraaqi. Heera/seera, qajeelfamaa fi karoora bahe hojiitti hiikuu fi kabajuun haalaan barbaachisaa dha. Wanneen hir’atan qabsoon guuttachaa malaa fi qaroominaan diinaa fi jaleelee diinaa jilbeenfachiisuuf jabaannee qabsaawuu dha.
Ummata Oromoof,
Yaa ummata keenya, roorroon haga jiraatetti of irraa fonqolchuuf falmachuun dirqama seenaa tahuu beektee fincila geggeessaa jirtu ni dinqisiifanna. Utuu wal irraa hin kutinii fi wal irraa hin hafin harka walqabadhuu itti fufi. Hangam illee hidhatu gabroomfattuun ummata bal’aa mootee waan hin beekneef wacabbaraa fi heddummina hidhannoo diinaa ilaaluun hin sodaatin.
Gabrummaan jiraachuu waggoota hedduu irra bilisummaa guyyaa tokkoo wayya isa jedhu yaadadhuu walyaadachiisi. Dhaabaa fi walii kee qabdaa hin sodaatin.
Diinni keenya duula ifatti nu irratti geggeessu malee harka lafa jalaa fi tooftaa gara garaan tokkummaa ummata keenyaa diiguu,ololaa fi dantaa yeroon namoota keenya hawwatee of bira dhaabuun gurmuu keenya haphisuuf hirriba dhaba. Kanatti bayyanachuun akeeka diinaa hongeesuun barbaachisaa dha. Akkasumas humnoonni eenyummaa fi akeekni isaanii sichi adda bahu maqaa amantiin ummata keenya hiriirsanii kaan irraa adda baasuuf socho’uun ni mul’ata. Kanneen akkasittis dammaqi. Kan tokkummaa kee diigu kamiifuu gurra kennuu fi duukaa bu’uu irraa of eeggadhu.
Filmaata dharaa Wayyaaneen umrii bittaa isee dheereffachuuf goochaa jirtu irraa hirmaattee hayyama gurmuu kee irra turuu hin kenniniif. Hirmaachuuf yoo dirqamtemmoo Wayyaanee fi jaleelee iseef sagalee kee hin kennin.
Ilmaan Oromoo haala jiruun dirqamtanii bulchiinsa diinaa jalatti hojjechaa jirtan roorroo diinni saba keenya irraan gahaa jiru liqimsitanii taa’uu dadhabdanii dura dhaabbannoof sochiin isin fuula jirtan maraan gootan ummata keenya biratti dhageettii fi galata isiniif argamsiisaa jira.
Mana hojii, jaarmaa waraanaa fi paartiin utuu adda hin bahin bakka jirtan maraa walgurmeessuun nafa isaa kan taatan ummata keenya bira dhaabbachuu keesan akka itti fuftanii fi falmaa geggeeffamaa jiru keessatti qooda keessan akka ol kaaftan yaaminsa isiniif goona.
Ummatoota Ollaaf:
ABOn hundeeffama isaa irraa jalqabuun ummatoota ollaa Oromoo cunqursaa alagaa jalatti argaman waliin hariiroo fi tumsa qabsoo uummatee gabrummaa fi cunqursaa dhabamsiisuuf tattaafataa har’a gahe. Kanaanis milkiin hin tuffatamne galmaa’ee jira.
Kana caalaatti jabeessuu fi fuula dura furgaasuun barbaachisaa waan taheef, diina waloo irratti waloon akka qabsoofnu ABOn waamicha isaa irra deebi’ee dhiheessaa, kanneen mootummaa gabroomfataan sobamanii ummata olla isaanitti duulan gochaan isaanii diina malee isaan kan hin fayyadne tahuu ABOn yaadachiisuu fedha.
Ambaaf,
Haqa ofii tikfachuu malee mirga ummatoota biroo sarbuun aadaa isaa kan hin taane saba Oromoo keessaa kan dhalate ABOn kan qabsaawu sirna roorroo alagaan ummata keenya irratti diriirse ciruu fi balleessuufi. Kun mirga uumaan hundinuu qabu waan taheef irratti gargaaramuu fi jajjabeeffamuun haqa.Diinni qabsoo itti jirru ukkaamsuuf tarkaanfiilee boodessoo mara, doorsisaa hanga duguuggii sanyiitti dhimma bahaa jira.
Ummattoonni, jaarmoleeni fi mootummoonni olloota keenyaa fi idil addunyaa kanneen gochaa ummata keenya irratti raawwatamu hordoftanii mararfannoo fi tinnisa nu agarsiiftan galateeffataa kanneen dhageessanii fi argitan hunduu bittaan miidhaa fi saamichaa EPRDF/TPLFn ummata keenya irratti fe’ame akka iggitamu dhiibbaa akka gootan waamicha goona. Roorrifamuun tokkoo kan hundaan adda bahamee ilaalamuu hin qabu.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Adda Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 28, 2015
ABBAY TSEHAYE: 21st CENTURY NAZI TPLF’S CHIEF OF GENOCIDE AND A DIABOLIC MAN
Bulbulaa Tufaa | February 26, 2015
Finfinnee Master Plan is in reality designed to mass exterminate Oromo farmers and partition Oromia Region into two segments.
In the first half of the 20th century on the continent of Europe, Fascism in Italy and Nazism (national Sozialismus) in Germany had erupted and claimed to lead socialist governments. The leaders of Nazism and Fascism pretended to dictate themselves to their peoples’ national interest, national cause, national wellbeing, national purpose and all in all to their peoples national goal.
In the first half of the 21st century, Ethiopian Nazi-Fascism under the leadership of TPLF-Tigray of Ethiopia emerged and gripped on power, by overthrowing the “Itiyophiya tikidem” regime of Col. Mengistu Hailemariam, The Nazi TPLF leadership, which is now and then, supported by the USA and UK, in particular, pledged to establish a democratic government whereby those ethnically so diverse peoples in the Empire would be governed on the basis of federal arrangement. Accordingly, sham regional governments were established following the communist era of the Soviet style. Based on the Soviet model, a Tigre man is routinely posted in every regional office and controls the activities of regions and local administrations. Without the final approval of the assigned Tigre man, the surrogate OPDO officials cannot issue even a single letter of their own independent mind nor can they take their independent decision to be implemented.
On the other face, Fascism in Italy and Nazism in Germany had attempted to draw the whole population of their respective nations, using socialism as a cheating mechanism. TPLF-Tigray of Ethiopia has also deceived the peoples in the Empire by taking and preaching two important words from government’s theory of principle: democracy and federalism. Even Habasha’s traditional politico-military advisers and economic supporters of the West, notably UK and USA, did not get the initial promise of TPLF in the fields of the Empire except in ammunition depot.
The establishment of democratically organized governance on the graveyard of the fled away ‘tikidem’ regime of Colonel Mengistu Hailemariam has been nullified and voided. Notwithstanding, the USA and UK in particular, continue to support Nazi TPLF-Tigray regime of Ethiopia to protect their substantive politico-military interest. The regime in Addis Ababa, being commander in-Chief of “anti-terrorism” in the Horn of Africa and a “peace keeping” force on the continent, has been zealously serving to implement USA and its satellites’ “Favourable New World Order” strategy in the Red Sea region.
Nazi TPLF’s Abrogation of Its Constitution
On a piece of paper, Nazi-TPLF regime pledged to respect any decision made by regional states pertaining to their internal affair and local administration. This has been beautifully adorned by the constitution it threw to the people. In article 39 of its constitution, for example, TPLF has clearly stated how each regional state has full right to secession and be able to form an independent country of its own. Opposite to this, however, TPLF-Tigreanism of Ethiopia, both in essence and in action, is proved to be a political system of Fascism and Nazism where the rule of law becomes the only rule of terror, the elimination and suppression of democratically organised groups, where outstanding leaders are either brutally suppressed, incarcerated, exiled or killed.
Just like Fascism in Italy and Nazism in Germany had done, Nazi TPLF- Tigray leadership of Ethiopia marshals the total resources of the country behind its Nazi-fascist government. It controls every resources of the Empire from the centre to the periphery and channels everything to the development of its homeland, ‘Independent Tigray’. Thus, by Conclusion, Nazi-Fascism is proved to be the only system of government TPLF-Tigray of Ethiopia has to solely rely on. Otherwise, its existence in Finfinnee will be severely jeopardised and may go beyond Finfinnee to cripple the survival right of ‘Independent Tigray’.
Nazi knows No Concession or Compromise
The question of compromise or concession on common goal for common advantage is totally out of Habasha’s traditional political culture. Their authoritarian political culture is grounded on the deadly principle of no concession and no compromise. They hold annihilation and elimination as the only viable way of life. For Fascism and Nazism, too, the feasible form of international organisation or national association is neither by compromise nor by concession but only by victory, annihilation and elimination.
Nazi’s Racial Theory and Practice
Nazi’s racial theory and its parallel supporting theory was Aryan-Germanism. By the same token, TPLF Tigray’s racial theory and its practical implementation are Tigreanism, at supra-ideological level and Ethiopianism at advantage level.
Hitler’s theory of Lebensraum which denotes the creation of enough space for the growing German population constitutes one of the kernel parts of his “national Sozialismus”, a propaganda tool he effectively used to rally people behind him. The question of Lebensraum was repeatedly hammered on as a necessity to be conquered and achieved.
How the Nazi intended to achieve Lebensraum out of Germany’s Territory?
The ideology of Aryan-Germanism, as a rational superior ideology was adopted and attempted to be implemented. Using this erroneous ideology, Hitler had murdered and butchered those peoples he considered were culture destroyers and inferiors.
TPLF Nazi leaders’ creation of Lebensraum for the destitute population of the district of Tigray and the provision of lebensmittel (food) has been imposed on the people as a national ideology to be followed. Soon after TPLF, assisted by Shabiya EPLF, came to substitute the century old Amhara Neftegna rule, it put all resources of the Empire under its control. Thereafter, TPLF leaders declared in Amharic: Tigray kengidih temellisa attirabim, meaning, Tigray will not die of hunger anymore.
To keep Tigray away from lack of physiological and mental nourishment, the ideology of “Greater Tigray” for the endogamous band of Tigray folks has been Nazified. Thenceforth, the ideology of Greater Tigreanism has inhumanly embarked on slaughtering those peoples it considers are ‘garbage’. The creation of enoughLebensraum (space) and the provision of surplus Lebensmittel (food) has become TPLF’s fundamental struggle. Hence, the Addis Ababa Master Plan must be blended to the maxim of the Lebensraum, which is diabolic in nature. It is fascistically architected to resettle closed and endogamous folks around Finfinnee so as to bring into existence providence and permanent luxury for them.
Abbay Tsehaye’s Nazi–fascistic Tones
Abbay Tsehaye, The Goebbles of Nazi-TPLF regime of Ethiopia in the 21st century
Who is Abbay Tsehaye? He was formerly a minister of federal affairs and now one of the top advisers of Prime Minister Hailemariam Desalegn. He was also head of the Addis Ababa Master plan designers when Kuma Dammaqsa was the mayor of the city.
| Kuma Dammaksa (OPDO), Nazi TPLF’s right hand and Abbya Tsehaye’s senior office boy in the municipality of Addis Ababa at the time of designing the Addis Ababa Master Plan. The photo show here when he was making speech on the funeral of his master, Mele Zenawi. |
In his recent speech, Abbay Tsehaye, on a meeting he has summoned together in Hawasa city, has delivered a diabolic propaganda speech against Oromo people. He appealed to his likes to rally behind him in accomplishing the genocidal war his fascist government has declared on the Oromos. He strongly underlined to crash those Oromos who may intend to resist the implementation of “ Integrated Master Plan”.
In his speech, Abbay Tsehaye unambiguously exposed how his government is a Nazi-fascist regime; how he himself is Ethiopia’s diabolic chief of genocide. He directly says in Amharic, “If they do not accept and implement the Master Plan, “likki innasgebbachewallen,—yistegebberal….”, meaning, we will punish them, finish them off. The Master Plan shall be uncompromisingly implemented “(OMN Nerws; Febuary 14, 2015)
Conclusion
“Tigren [Habasha] attimenu bimil bigezziti, Kiristinna anstew Kubeen geddeluti” (Kibroom Aseffa Molla. In: YeRaya Hizb Bahil inna Tarik. Tikimt 2005, p.103)
“Never trust Tigre men/women even if they swear or excommunicate themselves. That, they killed Kubee [One of the Raya Oromo community leaders during King Yonnes VI of Tigray] after converting him to Christianity.” (Translation: Mein).
From the very beginning, Habasha’s (Amhara-Tigray) common national interest has been the seeking of the total demise of the Oromo people. It has, without interruption, been practised by successive Habasha Kings like Tewodros, Yohanes IV, Minilik II, HailesellaseI, Col. Mengistu Hailemariam and now by the TPLF led Abbay Tsehaye’s Nazi regime.
With no hesitation or remorse, Habasha scholars and Debteras have also been writing in their book of history, calling the Oromo, “Gallas”, as the bloodiest enemy of their Habasha people, Amhara-Tigray (See Aleqa Kidanewold Kifle: 1948 E.C).
By keeping on hating and detesting the Oromos, Habasha elites and their clergymen are the major causes for the erosion of peace and stability in the region. That is why, in the history of Habasha–Oromo relationship, a common interest, good neighbourliness or common worldview has not been able to be consummated. Past centuries blind hatred is re-testified in this first half of the 21st century by Abbay Tsehaye, TPLF-Tiray’s Nazi chief of genocide. Therefore, the question is, can cosmetic changes be a panacea to heal the heavily inflicted wounds of the Oromo nation?
Calling for the resignation of chief of the genocide, the making of Afaan Oromoo an auxiliary federal language, the begging for the establishment of “Oromo cultural Centre” in ADDIS ABABA, shouting for free and fair election being under the gunpoint of the Nazi control, is dead rhetoric. They do not help either in liberating the Oromo from the Nazi regime or in empowering them to govern their own internal affairs, leave alone to run the affairs of the Empire. Dwelling on these issues as a national panacea is no more workable. It has officially been buried down by the recent speech and action of the regime’s diabolic chief of propaganda, Abbay Tsehaye.
Then, what should Oromos do as a last resort in order to get-healed the endangered survival right on their ancestral homeland? Should they, from every walk of life, prepare themselves for the worst scenario marching against them?
In our life time, we have seen the exhaustion of all venues of peaceful struggle, peaceful dialogue, and peaceful co-existence with Habshas in the Ethiopian Empire but with no avail at all. For the Oromos, the choice is only one and one. It cannot be two or more. That is, to get back their God-given natural right and the invaded ancestral homeland by paying common-sacrifice for the common cause.
The Oromo youths, the Qeerroo, are paying valorous price right now. They are directly facing Abbay Tsehaye’s Nazi bullets. Hence, Qeerroos’ just struggle should be genuinely endorsed and supported. They are marching to the bright future road for the total liberation of Oromia from the collective rule of Habasha Nazism.
May our Almighty Waaqa help them prevail over the diabolic tones of Abbay Tsehaye, whose speech and action represent the Nazi system of the Empire!
Bulbulaa Tufaa
Residents in Finfinne ‘enjoying 11%’ country growth, photo in 2014

Wednesday, 11 February 2015
OPDOn Biyya Alaatti Mormiin Ishee Muudatu Itti Fufee Jira
Eddoo Addaa Addaatti Hiriira-mormiitifi Gaffilee akka OPDOtti Deebisuu Hindandeenyen Dhiphachaa Jirti
Gurraandhala 10, 2015
OPDOn biyyaa addaa addaatti mormiin ishe muuddata jira. Haaluma kanaan magaala Stockholm/Sweden irratti gaafa Guraandhala 7, 2015 gaaffileen dantaa Oromoo kallattidhaan ilaalatan heddu kaan gaafataman yoota’u ergamaan OPDO, Dhaaba Dabalee akka OPDOti hanqni akka jiru ammanuuf dirqamuus deebi sirri itti kennu hindandeenye, silaays akka deebsu hindandeenye beekamaadha. Gaaffileen dhiyaatan dhimoota akka: Maqaa investmantiitin badiin oromoo irra gahaa jiru, Aangoo OPDO kan TPLFn danga’e ta’u isaa, Dhimma Finfinnee fi rakko oromoo, Ugguramuu guddina Afaan Oromoo fi aarti, Ugguramuu bilisummaa amantiilee fi miidiyaa (media) fii Rakkoolee daangaa Oromiyaa irratti kalattiidhan kan xiyyefatan ture. Gaaffilee ka’an keessa hangi tokko kan armaan gadi kana:
| Opdo Stockholm sweden oromo comunity |
- Oromiyaa misomsaa jirraa jechaa nama biyyaa ala jiru afaanfajjesuuf odeessa jirtu. Ilmaan oromoo tiif garu mana hidhaa babaldhisaa jirtu. Kuni misomaa?
- Oromoon eddoo baayyedha (Finfinnee, Harargee, Baalee kkf) buqa’a jira. Keessumattu Oromiyaa bahaa irratti humni mootummaan qawwee hindhachiise ilmaan oromoo ajjeesaa lafaa fi qabeenya irraa saama jira. Issin warri OPDO maal eegdu yeroo ummanni dhumu kana? Yoo qawwee dhabdaan seerri jira jettan kuni ho maaf badii kana ittisuu dadhabe?
- Maqaa investmentitin ilmaan oromoo manca’a fi baqataa jira, nannoon summidhaan badaa jira. Badii kanaatti OPDOn itti hingaafatamtu?
- Finfinneen Magalaa gudditti Africa oso ta’eyyu maalif bulchiinsa Oromiyaa jalatti hingallee?
- Afaan Oromoo guddisne jettu, garu Afaan Oromoo maalif hanga amma afaan federalaa gochuu dadhabdan?
- Ijjoollee oromoo harka qullaa ba’ani mirga isaani waanta gaafataniif qofa, waraana Agazitiinrasaasan dhumuun isaani isin warraa OPDO hingaddisiisu?
- Biyyaa bulchaa fi misomsaa jirraa jettu, garuu akkuma OPDOtti amata 20 oliif ilmaan oromoo sadarkaa angoo murteessa ta’an kan akka muumchaa minsteeraa, minsteera dhimma alaa kkf qabachuu hindandeeny. Kanaafu OPDOn biyyaa bulcha hinjirtu. Hanga yoom akanatti itti fuftu?
- Minsteera ittisaa keessa ilmaan oromo sadarkaa olaanatti akka hinguddanne ugguramani, sadarkka gadi aanatti qabamani jiraachun isaani kun akka OPDOtti maaltu isinitti dhagayama? Hangaa yoomitti ofifis sodaachaa ummataas ficisisaa jiraattu?
- Dimookraasi guddisaa jirra jettu, gamaa biraatin ammoo dhaabolee akka OFC (oromo federalist congress) akka dorgomee hininjifanne ugguraa jirtu. Ilmaan oromoo barumsaa ga’a qaban kara OFC dorgomaani akka hininjifanne gochuun kun dimookirasii dagaagsudha?
- Ilmaan muslima waanuma mirgaa amantaa isaanii gaafataniif qofa ajjeefamun kuni maali?
- Hawaasa oromoo dubbifna jechaa biyya alaa keessa deema jirtu. Garuu bakka hundatti oromoota osoo hinta’in saba biraatu isin simachaa jira. Walga’i keessan Tigrootatu hordofa jira. Kuni isiin hinqaanessu?
Deeggartootni OPDO/TPLF tokko tokko OPDO dhaf harka dhau’uf kan argamani turan carraa akka hinargannee waan ta’ef akkasumaas gaffilee armaan olii kanneen yeroo dhagayaan sodaatani osoo yaada deegarsaa hinkennin bahuuf dirqamanii jiru.
Monday, 9 February 2015
Subscribe to:
Posts (Atom)