Breaking News: Life Bullet Against Oromo Students
Umni
 Waraan wayyaanee Agazi berged jedhamuu fi Federal polis jedhamu 
Bartootta Oromoo fi Uummata nagaa seeraan ala miidhuu dhiisee gara 
Mootummaa seeraan ala Uummata miidhaa jiru tti afaan Qawwee 
garagalfachuuf sochii eegalan!
Uummanni Amboo Waraanni Wayyaanee Dhiha Oromiyaa Wallaggatti Akka Hin Dabarreef Bakkoota 16 ol ta’anitti mukkeen guruguddaa jigsuun gootummaan diina dura dhaabbatan
Magaalaa Amboo keessatti daandiin keessaa 
keessaa fi daandiin guddaan dhagaa fi mukoota karaa irratti guuruun 
uummaanni daandii cufee;-
- Gaaffii keenyaaf deebii nuuf kennaa Ijioolleen keenya hidhamaan nuuf haa hiikaman,
- Nu hin ajjeesinaa waggaa 24 nuu ajjeessa turtan nurraa galaa isin ga’a .
- Qotee bulaa lafa isaa irraa hin buqqisiinaa,
- Finfinneen bulchiinsa Mootummaa Nannoo Oromiyaa jalatti deebitee Ofii keenyaan bulchachuu qabna,
- Mirga Dimookiraasii Namummaa nurraa hin sarbiinaa,
 Warannii kun itti gaafatama seenaa keessa jirtuu nu hin ajjeesinaa mirga keenyaaf falmanna, -Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa deebii argachuu qaba,
- Bilisummaa barbaadna, garbummaan nu ga’a,
- Isiin nu hin bulchitan, waggaa 24 nutti taphattan,
- Ilmaan Oromoo hidjhaman haa hiikaman
Jechuun Hiriira Nagaa Guddaa ganama sa’aa 
2;00 irraa egaluun kan jalqabame hanga amma sa’aatii 8;00tti itti fufee 
jira, Mootummaan Wayyaanee Sochii uummataa kanatti aaruun rasasasa 
uummata irratti roobsa jira, rasaasa Waranaana Wayyaaneetiin namoonni 
hedduun madaa’aniru.
Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi Qophaa’inaa Gimbii fi Mandii keessatti FDG dho’uun itti fufe
Kana malees barattootni Sadarkaa lammaffaa 
Mandii Mootummaan wayyaanee abbaa irree waan taheef biyya bulchuu hin 
qabu jechuudhaan dhaadannoo dhageessisaa FDG bobeessan. Mootummaan 
wayyaanee bakka maraa diddaa gaggeeffamaa jiru dura dhaabbachuu kan 
dadhabde yoommuu tahu Barattoota Oromoo mana barumsaa Mandii sadarkaa 
lammaffaa Mandii waraana hedduumminaan itti bobbaasuun reebicha hamaa 
irraan geessee jirti. Barattootni oromoo mana barumsaa kanaas reebicha 
mootummaan wayyaanee irraan gaggeessaa jiru dura dhaabbachuudhaan 
dhaadannoowwan
1. Oromiyaan kan keenya
2. Kanneen hidhaman haa hiikaman
3. Mootummaan wayyaanee Gamboomfataa dha
4. Nuyi Qeerroo dha
5. Oromoon Lagaan hin qoodamu
6. Finfinneen handhuura Oromiyaati
7. Sagaleen Uummata Oromoo haa dhagahamu
Kanneen jedhanii fi biroo dhageessisaa 
oolanii jiran. Oromiyaa keessatti ibidda qabatee mootummaa wayyaanee 
barbadeessaa jirutti tumsa Gochuun Oromoon Gumaa gootawwan keenyaa akka 
deebisu Qeerroon magaala Mandii gabaasee jira.
Goototni Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Dirree Dawaa FDG qabsiisuun diina raasan. Dhaadannoolee garaa garaas dhageessisan
Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii kanaa 
Waamicha Oromummaa nu dhaqqabeen gahee keenya baane jechuun Uummatni 
Oromoo qotee bulaan, daldalaan, Hojjetaan nuyi ilmaan keessan ulee 
diinaan rukkutamaa fi ajjeefamaa waan jirruuf bakka jirtanii kaatanii 
waan qabdan maraan diina keenya Wayyaanee dura akka dhaabbatan jechuun 
Waamicha Oromummaa dabarfatanii jiran.
Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyiitti FDG Gootota Barattoota Oromoo M/B Ballaammii Sadarkaa 2ffaa Eegale
 Yeroo amma kanatti akkuma baratame 
mootuummaan abbaa irree wayyaanee humna waraanaa liyuu hayil fi kora 
bittinneessa jedhamu hiriiricha dura dhaabuun, Gaazii summa’aa kan nama 
boosisuu irraatti dhukaasuun bittinneessuuf yaalii guddaa godhus 
uummaannii fii barattootni nuti mirga keenyatu sarbamee mirga keenyaaf 
falmannaa jechuun FDG haalaan qinda’aa fi jabaa ta’ee itti fufee jira. 
Bbarattootni Mana Barumsaa Gabaa Kamisaa sadarkaa 1ffaa kutaa 1 -8ffaa 
barachaa jiran mana barumsaa gadhiisuun yeroo kanatti hiriirichatti 
makamaa jiru, Dargaggootni Oromoo mAgaalaa Ballaammii fi Barattootni 
Ooromoo Magaalaa keessaa nannaa’uun dhaadannoo isaanii dhageesisuun itti
 fufe. gabaasaan kun itti fufa.
 
No comments:
Post a Comment