Tuesday 3 June 2014


Barataan Yuunivarsiitii Haramaayaa Hasan Huseen mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti wareegame

Waxabajjii 03, 2014 Finfinnee
Ajjeechaan ilmaan Oromoo keessumaa barattoota Oromoo irratti xiyyeeffatamuun tarkaanfiin fudhatamaa jiru itti fufee jira. Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti gaaffii abbaa biyyummaa gaafachuudhaan Mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti darbamuu irraan darbuudhaan barattootni Oromoo mana hidhaa keessatti ajjeefamaa jiru. Barataa Nuuraddiin (Alsan) Hasan Barataa Computer science waggaa 2ffaa kan tahee fi dhalootaan Godina Shawaa lixaa magaala Baakkoo kan tahe mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti darbamuun dararaa jabaan erga irraan gahaa turee Gaafa 02/06/2014 mana hidhaa keessatti lubbuun isaa darbee jira. Mootummaan Wayyaanee dararaa ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru daran jabeessaa dhufus ilmaan Oromoo gamtaan falmatti seenuun mootummaa abbaa irree bara baraan ilmaan Oromoo keessatti ammo dargaggoota Oromoo ajjeesaa, hidhaa fi biyya irraa ariiaa jiru dura akka dhaabbatu Barattootni Yuunivarsiitii Haramaayaa fi Qeerroon Oromoo waamicha Oromummaa dabarsa.
Aslan Hasan, one of the 10 Oromo students kidnapped on May 29, 2014 from Haromaya University has died while in military detention center in Harar city. Apparently he collapsed during one of the torture sessions, then was taken to Tikur Anbessa Hospital in the capital, where he died on June 1, 2014. The regime told his families that the student committed suicide. Aslan was a 2nd year engineering student at the University. He was born in Bakko and attended high school in Burayu. His body has been taken to Gudar and funeral service is scheduled for tomorrow.
Qabsaaaan ni kufa; Qabsoon itti fufa!!

Barataan Oromoo Yuuniversitii Haromayaa Reebicha Wayyaaneen Yakka Malee Ajjeefame.Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Haromayyaa

Waxabajjii03,2014 Haromayaa
Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Haromayyaa irraa Waxabajjii 02/2014. Mootummaan Wayyaanee duguggaa sanyii saba Oromoo irratti fuulleffatee yeelloo fi qaani malee ifaa ifatti akka malee ajjeesuu irratti harka isaa diriirfatee jira.
Waan nama gaddisiisu keessaa mooraa yuuniversitii Haromayyaatti ilmaan oromoo sabboonummaa qabaatan guyyaa guyyaatti kan afaan oromoo dubbatanii daandii isaaf taaniin doormiidhaa gara mana hidhaatti guuramaa jiru,kan nama gaddisiisu keessaa Caamsaa gaafa 28 ykn Caamsaa 20 Wayyaaneedhaaf yeroo ayyaana kabajanna ture saba Oromoof garuu guyyaa gaddaa taee darbuun isaa waan ifaadha, haatau malee guyyaa kana barattootni sabboontotni Oromoo mooraa Yuuniversitii Haromayyaa huccuu gurraacha uffachuudhaan yaadannoo ykns gadda ilmaan oromoo mirga isaaniif wareegamaniif taasisan irratti basaastota wayyaanee moorichaatiin barattootni 11 dabarfamanii kennamanii turan.
Barattoota 11 guyyaa kana qabaman keessaa barataa Nuuraddiin Hasan isa tokkoodha.Barataan kun dhalootaan godina Shawaa Lixaa aanaa Baakkooti.Gosa barnootaa mooraa kanatti inni baratu Injineeringii jalatti muummee Kompuuter Engineering yoo tahu bakki barnoota isaa mooraa guddicha Yuuniversitii Haromayyaa naannoo IOT Campaas jedhamu gamoo guddaa H lakkoofsa doormii isaatii 26tti kan galu hiriyoottan isaa waliin utuu qayabatanii walii gala isa dabalee barattootni 11 qabamanii mooraadhaa kan bahaniidha.Barataan kun kan hidhame magaalaa Harar keessatti yoo tahu adda kan tahe reebichi hamaan irratti raawwatee jira barataan kun ilaalcha siyaasa gaggeessuu,miseensota dhaaba ABOf horachuutiin,barattoota ijaaruu fi diddaaf qindeessuudhaan reebicha fannisuun reebamuutu irra gahaa ture.
Barataan kun reebicha hamaa irratti raawwachaa tureen kan baayee nama gaddisiisu kaleessa Waxabajjii 01/2014 lubbuudhaan wareegame mana hidhaa keessatti.Akka gabaasi kun addeessutti fannifamee utuu reebamuuti kan due,erga duee booda reeffa isaa qorachiisuuf gara Hospitaala Leenca Gurraachaa fidanii turan sobaan maatii isaa waamanii mucaan keessan mana hidhaa keessatti of ajjeese jedhuun reeffa isaa galgala kana gara magaalaa Gudaritti geessanii jiru,barattootni isa waliin qabaman 10n hafan ammoo miidhama gurguddaatu irra gahaa jira isaanis shakkima kana keessa akka jirantu Qeerroodhaan dhagayamaa jira.

No comments:

Post a Comment