Sunday 5 October 2014

Manneen Murtii Mootummaa Wayyaanee Federaalaa fi Manneen Mutii Oromiyaa Sadarkaa Garagaraa ilaalchisuun Ibsa  Qeerroo Bilisummaa Oromoo

qeerroo2Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 04,2014
Finfinnee




Manneen Murtii Mootummaa Wayyaanee Federaalaa fi Manneen Mutii
Oromiyaa Sadarkaa Garagaraa ilaalchisuun Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo



Mootummaan abbaa irree Wayyaanee manneen murtii Oromiyaa sadarkaa olaanoo irraa hanga
gadaanaatti jiran harka isaa keessa galchuun mirgaa fi haqaa ummataa awwaaluu itti fufee jira. Ilmaan
Oromoo gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa gaafatanitti humna waraana isaa bobbaasuun qe'ee
fi mooraa barnootaa keessatti jumlaan ajjeeseera. Kaan immoo qe'ee fi barnoota isaanii irra ukkamsee
jumlaan hidhee jira. Mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo bal’eessaa tokko malee hidhee dararaa
jiru ofumaaf himatee karaa dabballoota isaanis dharaan ragaa itti bahuun murtii sobaa irratti muraa
jira. Qeerroo Bilisummaa Oromoo gochaa diinummaa wayyaanee kana gadi jabeessee balaaleffata.
1.Ummatni Oromoo gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa mirga isaa kabachiisuuf waan gaafateef
humni waraana wayyaanee Agaazii fi poolisiin federaala itti bobbaafamee yakka waraanaa uummata
Oromoo irratti raawwatan. Kanaanis daa'ima ganna 7 hanga manguddoo ganna 80tti jiran utuu bira hin
darbiin garaa laafina tokko malee jumlaan ajjeesanii yakka duguuggii sanyii (Genocide) uummata
Oromoo irratti raawwataniiru. Yakka kanaafis hanga ammaatti itti gaafatamummaa hin fudhatin jira.
Kana malees ummataa fi barattoota dargaggoota Oromoo umriin isaanii ganna 16 gadi ta'an dabalatee
kumootaan mana hidhaatti ugguree itti roorrisaa jira. Mirga uumamaan qaban irraa mulqee murtii
haqaa dhorkachuun gidirsuu irratti argama. Kan himatu, kan ragaa sobaa bahu, kan murtii dabaa
ummata nagaa irratti dabarsaa jiru dabballootaa fi ergamtoota wayyaanee ta’uun mirkanaa’ee jira.
Yakka hojjetamaa jiru, murtii dabaa fi diinummaa ummataa fi dargaggoota/barattoota Oromoo nagaa
irratti kennamaa jiruuf abbootiin seeraa Oromiyaa fi Federaalaa dabballoota wayyaanee ta’an itti
gaafatama jalaa miliquu akka hin dandeenye hubachuusna.
2.Abbootiin seeraa, Abbootiin alangaa, poolisiin qorataa Yakkaa, fi wajjiraalee haqaa Oromiyaa fi
godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessa jirtan hundi harka mirgaa mootummaa wayyaanee ta'uun
murtii jallinaa, ragaa fi himata sobaa bu'uura godhachuun ilmaan Oromoo irratti yakka diinummaa www.Qeerroo.org qeerroo2011@gmail.com
fudhachaa jirtaniif gaafatama jalaa hin baatan. Ilmaan Oromoo yakka kana keessatti beekaas ta’e osoo
hin beekin qooda fudhachaa jirtan yakka diinumaa kana keessa of baasuun ummata keessan cina akka
hiriirtan waamicha lammummaa isiniif dabarsina.
3.Waajjirri haqaa Oromiyaa akkasumas kanneen godinaalee keessaa, waajjirrii poolisii kutaan qorannoo
yakka Oromiyaa fi godinaalee fi Onoota Oromiyaa garaagaraa keessatti argamtan ilmaan Oromoo nagaa
badii tokko malee qe'ee isaanii fi dhaabbilee barnoota irraa humna waraanaan qabaman irratti ragaa
kijibaa qindeessaa, ragaa sobaa irratti ba'aa jirtan. Kun haqa awwaaluu fi olaantummaa seeraa darbuun
mirga dhala namummaa sarbuu waan ta'eef, itti gaafatama seeraa fi seenaa jalaa ba'uu kan hin
dandeenye ta'uu ni hubachiifna.
4.Caasaan mootummaa abbaa irree wayyaanee EPRDF qajeelfama abbaa irree hojii irra olchuuf
manneen murtii Oromiyaa keessa diriiree jiru yakka uummata irratti rawwachaa, ragaa sobaa qaanii
tokko malee ilmaan Oromoo hidhaa jiran irratti ba’aa jira. Waan ta’eef, ummatni Oromoo caasaa
wayyaanee Habashoota gabrummaa leellisan, dabballoota sirnichaa ta’anii fi garaaf bultootaan ijaarame
irraa waan eeggatu waan hin qabneef, dura dhaabbachuun mirga keenyaaf falmii wal irraa hin citne haa
gaggeessinu.
5.Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF yakka sadarkaa mana murtii idil addunyaa ICC irratti isa
himachiisu waraana isaan ummata nagaa meeshaa of harkaa hin qabne daa'imman umrii 7 fi
manguddootni ganna 80 kan keessatti argaman jumlaan ajjeesuu isaaf ragaan vedio fi suuraan
deeggarame har'a fuula addunyaatti dhiyaachaa jira. Ragaan qabatamaan kun osoo jiruu abbootiin
seeraa fi alangaa wayyaanee, himataa fi ragaa sobaan ummata hidha keessatti gidirsaa jiran. Gochi
cubbamaa wayyaanee kun, himannaa seeraa addunyaa jalaa isa baasuu hin danda’u. Kanaaf, manni
murtii Oromiyaa ilmaan Oromoo nagaa humna waraanaan qabamanii hidhaa jiran gaaffii tokko malee
akka hiiksisu gaafanna.
6.Ilmaan Oromoo abbootii seeraa, alangee fi poolisii taatanii sababii sabboonummaa
keessaniif mootummaa wayyaaneen doorsifamaa jirtan hundi yakka diinummaa ummata keessan
irratti dalagamaa jiru dura akka dhaabbattan, olaatummaa seeraa fi mirga ummata keessanii
kabachiisuuf akka hojjettan waamicha keenya isiniif dabarsina.
7.Mootummaan wayyaanee karaa manneen murtii Federaalaa fi Oromiyaan murtiin jallaan Oromoota
irratti dabarsuu fi dararaan mana hidhaa Maai’kalaawwii keessatti ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru
ummata Oromoo daran kan qabsoo bilisummaaf onnachiisu malee, mirga isaa falmachuu irraa duubatti
kan isa hin deebisne ta’uu Hoggansi Qeerroo Bilisummaa Oromoo ni hubachiisa.
8.Uummatni Oromoo, dargaggootni, barattootni, qonnaan bulaan, hojjettootni, poolisootni fi
hawwaasni Oromoo biyya keessa fi biyyoota alaa garagaraa keessatti argamtan yakka mootummaan www.Qeerroo.org qeerroo2011@gmail.com
Wayyaanee ummata keenya jumlaan ajjeesee, kaan hidhee, ragaa sobaa irratti ba'uun murtii jallaa irratti
murteessaa jiru kana dura gamtaan dhaabbannee mormii keenya haa dhageessisnu. Mirga waloon
sarbamne deeffachuuf tokkummaa keenya tikfachuun qabsoo FDG, warraaqsa karaa nagaa fi
dimokiraasii gaggeeffamaa jiru keessatti hirmachuun wareegama barbaachisu baasnee
bilisummaa keenya haa gonfannu jechuun Hoggansii Qeerroo Bilisummaa Oromoo ummataa Oromoo
hundaaf waamicha dabarsa.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 03/2014

No comments:

Post a Comment