Har’a Caamsaa 14,2014 Yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti diddaan barattootaa itti fufe. Waraanni Wayyaanees rasaasa barattootatti dhukaasaa jira
Dhiibbaa
mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo irraan gahu daran jabaachaa kan
dhufe FDG jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf Yuunivarsiitii wallaggaa
keessatti Waraanni mootummaa wayyaanee barattoota gaaffii mirgaa kaasan
reebuun dhukaasa hedduu dhukaase. Waraanni mootummaa wayyaanee
Yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti barattoota Oromoo Jumlaan hidhuu
irraan darbee gaaffii barattootni Oromoo ammas daran jabaachuun itti
fufe dura dhaabbachuuf rasaasaan barattootatti dhukaasuu fi uleedhaan
reebuun miidhaa jabaa irraan gahee jira.
Diddaan Ilmaan Oromoo
irraa eegale daran jabaachuudhaan kan itti fufe mootummaan Wayyaanee
humnaan dura dhaabbachuutti dhama’uu irratti argama. Mootummaan abbaa
irree wayyaanee humnaan gaaffii uummata Oromoo dura dhaabbatus keessi
wayyaanee waraannii fi caasaan siyaasaa mootummaa wayyaanee bututee waan
jiruuf ilmaan Oromoo bakka maraa ka’uudhaan gaaffii bilisummaa akka
finiinsan qeerroon Yuunivarsiitii Wallaggaa waamicha dabarsee jira.
No comments:
Post a Comment