#OromoProtests AKEEKKACHIISA (Saffisaan waliif dabarsaa)
 
 Wayyaaneen yaalin ummata Oromoo afaanfajjeessuufi sossobuuf torban 
lamaan kana goote  erga fashalaaye booda, tooftaa haraya baafattee 
hojitti seentee jirti. Kunis sablammiilee Oromiyaa keessa jiran Oromoon 
walafaan akaayuudha. Bu'aan isaan kanarraa argachuuf deeman waa lama.
 
 1) Oromofi saboota biroo jiddutti falmaa dalgaa ( horizontal conflict) uumuun humna diinaa nutti baay'iftee, humna keenyas laaffiftee ofii haara galfachuu. Akka waan mormiin deemaa jiru jibbaa 
 
 2) Gaafii haqaa Oromoon dhimma Finfinnerratti kaase sabni biraas 
hubatee fudhachuu waan eegaleef, sababa jeequmsaatin sodaatani akka 
Wayyaanee cinaa hiriiraniif barbaadu. Gaafilee akka ijotti kaasanii 
ofuuf deeman keessaa: dubbii Minilik, kan Dirree Dhawaa, kan  
Mooyyaleetif walitti bu'iinsa gama Dhiha Oromiyaatti uumamaa  ture fa'a.
 
 
 Walitti bu'iinsa akkanaa uumuuf tooftaa itti fayyadamuuf filatan keessaa
 
 1) Oromoofi saba biraa  keessaa lukkee ( agent saboteurs)  filanii 
seensisuuf wantoota miira ummataa dimshaashan tuqan dubbisuu, 
qabeenyaafi nageenyarratti balaa buusuun ummata nagayaa duchisiisanii 
walitti naqauu
 
 2) Gaafileefi dhimmoota amma dura Oromoofi 
saboota garii walmormisisaa turan akka haarayaatti kaasun moromaafi 
walarraabsoo banuu. 
 
 Akeekni diinaa kun akka hin milkoofne 
namuu, biyya ambaatifi Oromiyaa keessatti of eeggannoofi bilchina 
cimaadhaan sossohuu barbaachisa. Tarkaanfilee fudhatamuu malan keessaa
 
 1) Gaafilee dhimma yeroo kanaatiin wal hin qabanne kaasuu dhabuu. 
gaafilee tun gariin kan injifannoon keessa dabarre waan ta'aniif cufamuu
 qabu. Gariin ammoo waan yeroof ta'anii miti. Warra bakka waltajjiittifi
 ummata keessatti dubbii akkanaa oofu adda baafachuun gorsuun yoo didan 
ammoo ummanni akka dammaqu gochuun. 
 
 3) Lukkeelee saboota 
jidduu fiiganii dubbii laaqan adda baafachuun suduudaan dura 
dhaabbachuu, ykn hawaasa akeekkachiisuu. Lukkeelee Oromoo ta'anii saba 
kaan tuttuqan akka isaan ejjannoofi ilaalcha Oromoo bakka hin buune 
manguddootaafi dargaggoota saba kaanitiif ibsu. Lukkee saba biraa tan 
Oromoo tuqxus sabni sun beekee akka nurraa hidhatu ykn ofirraa dhiibu  
carraaquu.
 
 4) Yeroo hiriiraatti qabeenya saba biraa kan ummata 
nagayaa warra barbadeessu ykn saamuf itti aggaamatu dammaqiinsaan 
hordofanii too'achuu. Yoo dadhabame ummanni kuun akka itti hin dabalamne
 godhuu.
 
 5) Badii lukkeeleen akkanaa balleessan bifa suura-sagaleetin galmeessuun saaxil basuu feesisa.
 
 Tooftaan Wayyaanee kun saba Oromootifi warra kaanifis miidhaa hamaa 
waan qabuuf saffisaan fashalaayuu qaba. Kanarratti barattoonni, 
hojjattoonni, daldaltoonnifi qonnaan bultoonni bifa bifaan dammaqanii 
hojjachuu qabdan.
 
 M Dhugaan Oromoo shira diinaatin hin dhokatu. Itti hin dhiisinaa!
 
No comments:
Post a Comment