Sunday 11 May 2014

Baqattootni Oromoo biyya Sudaan rifeensa haddachuudhan fi kkf gadda isaani muldhisan

Caamsaa 11, 2014
Nuti baqatoonni Oromoo biyya Sudaan keessa jiraannu haala yeroo ammaa sabni keenya keessa jiru dhiheenyatti hordofaa jira. Saamicha lafa Oromiyaa mormuun diddaa barattoonni Oromoo agarsiisan dhaamsuuf tarkaanfii hameenyaa sirni Wayyanee fudhateen gadda guddaatu nutti dhagahame. Haa tahu malee tarkaanfii gara jabinaa diinaa kana mormuun hiriirota nagaa hawaasota Oromoo biyya ambaatiin geggeeffaman hoggaa arginu qalbiin keenya cabe deebi’ee jajjabaateera.
Nuti baqattoonni Oromoo biyya Sudaan keessa jiraannu akka obboleeyyan keenya biyya ambaatti alaabaa ABO fi dhaadannoolee qabannee deeggarsa ilmaan Oromoo wareegamaniif qabnuu fi mormii sirna Wayyaanee irratti qabnu ifatti hiriira baanee addunyaa dhageessisuun hawwii keenya guddaa ture. Haa tahu malee hariiroo dippilomaasii jabaa sirni Wayyaanee mootummaa Suudaan waliin qabu irraa kan ka’e mirga akkasii waakkatamne.
Akkasuu tahee garuu, ukkaamsaa keessatti argamnuuf harka kenninee callisuu waan hin andeenyeef,  gadda keenya rifeensa haddachuun, kophee malee miilla duwwaa deemuu fi mana keessa taa’uun aantummaa saba keenyaa qabnu mulisaa jirra. Kanas osoon suuraadhaan deeggarree agarsiisuudhaan hiriira nagaa hawaasni keenya biyya ambaa geggeessaa jirutti dabalamnee gammachuu keenya ture tahuyyuu, rakkoo tikaa olitti kaafne irraa kan ka’e hiree akkasii qabaachuu hin dandeenye.
Kana irraa ka’uun, akka baqattoota Oromoo biyya Suudaanitti of dandeenyee hiriira baanee sirna abbaa irree Wayyaanee balaaleffachuu yoo dadhabneyyuu, ibsa ejjennoo armaan gadii dabarfannee jirra.
  1. Tarkaanfii gara jabinaa sirni Wayyaanee ilmaan Oromoo karaa nagaan hiriira bahan irratti fudhate jabeessinee balaaleffanna.
  2. Kanneen tarkaanfii ajjeechaa kana keessatti kallattiinis tahee al kallattiin qooda fudhatan hundi qabamanii akka seera duratti dhihaatan gaafanna.
  3. Ajjeechaa,hidhaa,saamicha qabeenya,ukkaamsaa Addaa ,Afaanii,fi eenyummaa saba oromoo, fi biyya irraa hari’a muu saba keenya irratti Jaarraa tokkoo oliif gahaa ture bilisummaa saba keenyaa fi wolabummaa Oromiyaan xumura itti tolchuuf wareegama kafaluuf warra qophii taane ta’uu keenya akka firis diinnis hubatu feedhna.
  4. Shira mootummaa Ethiopia magaalaa maqaa master pilaan jedhuun,badiyyaa ammo maqaa investimentii jedhuun saaminsi lafaa geggeessaa jiru akka dhaabbatu gaafanna.
  5. Lubbuu baratoota Oromoo mootummaa abbaa irreen dabraniif gadda jabaa nutti dhagahame ibsachaa,maatii wargamtootaaf jajjabina hawwina.
Injifannoo ummata Oromoof
Baqattoota Oromoo biyya Suudaan
Caamsaa 11, 2014

No comments:

Post a Comment