Thursday 29 May 2014

Beeksisa Waamicha Walgahii Ummataaf, Adda Bilisummaa Oromoo irra
Posted: Caamsaa/May 29, 2014 · Finfinne Tribune | Gadaa.com
UPDATED
Addi Bilisummaa Oromoo falmaa ilmaan Oromoo biyyaa keessaa mootummaa faashistii Wayyaanee waliin godhaa jiraan fi haala yeroo irratti ibsa kennuuf Haawaasa Oromoo Minnesota keessa jiraataniif waamicha godha. Qophiin Koree Kutaa ABO Jiddu-Gala USA (OLF Mid-West Chapter) fi Konyaalee ABO Minnesota jiraaniin qindaawe kun Fincila Diddaa Gabrummaa yeroo amma biyya keessatti deemaa jiru bu’ura godhatuun falmaa kanatti xumura godhun barbaachisa ta’u isaa irra deebi’e hubachisaa dha. Addi Bilisummaa Oromoo akkuma bu’ureffama isaa irra eegale addeessetti tooftaale Qabsoo Bilisummaa Oromoo milkeessuuf lafa kaayaman keessaa Qabsoon hidhatnoo, kan Siyaasaa fi Diplomasii dabalate toofta isa bu’uuraa fi murteessa ta’u isaa hubatuun aarsaa WBOn baroota dheeraaf kafalaa as ga’een waan mirkanaa’e dha. Yeroo ammaa kanattimmoo dhibba dhibbatti Amalli mootummaa wayyaane kan amma aangoo siyaasaa qqabaatee jiruu fi kanneen daraniyyu sirna duraanii deebisuuf abjootan akka mullisutti Qabsoon hidhatnoo kan filmaata biraa hin qabne ta’uu isaa mullisa. Addi Bilisummaa Oromoo haala kana sirritti hubatee waan irratti hojjetaa as ga’e sadarkaa olaanatti guddisuuf akkasumas Aaarsaa dargaggoonni fi Barattoonni Oromoo yeroo amma kana keessatti kafalaa jiranitti bu’a godhuuf humnaa fi dandeetti qabu hundaan garaa diinaatti fuulleffatee jira. Sirna saaminsaa fi dararaa motuummoota Habashaa kan dhufaa darbaa gara Jaarra tokkoo fi walakkaa oliif deema jiru hundeen buqqisuun Ummata Oromoo dhaaf filmaata dhuma akka ta’e hubaatuu dhaan Ummatni Oromoo bakka jiru hundatti WBO bira akka dhaabattus waamicha lammummaa dabarsa.
Bifuma kanaan Adunyaa mara irra bakka Ilmaan Oromoo qubatan hundatti Addi Bilisummaa Oromoo itti gaafatama fudhatuun maree Hawaasaa geeggessaa jiru keessa inni Minnesotatti ta’u kun isa angafa dha jenne amanna. Kanaaf Ibsa fi Qophii Addi Bilisummaa Oromoo yeroo ammaa qabu dhageeffattani yaada, qabeenyaa fi human keessan akkamiin akka gumaachitan irratti ballinaan haasa’uuf Waamicha walgahii Hawaasa Oromo maraaf kabajaan isiniif dabarsina. Kun waamicha lammummaa kan ilmaan keenya itti dhuma jiran, yoo kana dura dhaabbatnee sirna kanatti xumura hin goone daranuu lafa irra haqaamuun balaa Ummata Oromoo irratti aggaamate ta’u hubattani Ilmaan Oromoo hundi akka walgahii hawaasaa kana irratti argamtan ammalle irra deeddeebine maqaa Ilmaan Oromoo waregaama kafalanitiin dhaamsa keenya isiniif dabarsina.
Guyyaa: Dilbata, Waxabajjii 8, 2014 (Sunday, June 8, 2014)
Yeroo: Sa’a 1:00 Wb (1:00 PM)
Bakka: Galmaa Waldaa Hawaasa Oromoo Minnesota
465 Mackubin Street
Saint Paul, MN 55103
Koree Kutaa ABO Jiddu-Gala USA (OLF Mid-West Chapter) fi Konyaalee ABO Minnesota keessa jiran hunda.
Injifatnoo Ummata Oromoof!
Addi Bilisummaa Oromoo falmaa ilmaan Oromoo biyyaa keessaa mootummaa...

No comments:

Post a Comment