Monday 12 May 2014


Breaking News:- Wallagga, Magaalaa Innaangoo Keessatti FDG Itti Fufee Jira.Dhukaasi Meeshaa Waraanaas Dhagahamaa Jira.

Caamsaa/May 12, 2014 | By Qeerroo.org
Caamsaa 12, 2014 FDG jabaatee itti fufuun har’a Wallagga magaalaa Innaangoo jedhamu keessatti jabaatee itti fufee jira. Haala kanaan mootummaan Wayyaanee gaaffii mirgaa uumata Oromoo kana dhaamsuuf jecha meeshaa waraanaa fayyadamuun uumata irratti dhukaasaa jiraachuun beekame. Hanga ammaa uummati hammam akka miidhame hin beekamiin jira.
Loltooti Federaalaa magaalaa Gimbii irraa humna dabalataa gama sanatti akka deemaa jiran gabaasi Qeerroo Network ciccitaan nu dhaqabe addeessa.
Magaalaan Inaangoo magaala Gimbii irraa gara dhiyaatti fageenya kiilomeetra 16.7 ykn mayila 10.4 irratti argamti.
Gabaasa dabalataaf ni dhiheessina.

No comments:

Post a Comment