Thursday 29 May 2014

Waan nama gaddisisu
Camsaa 29,2014 gabaasa magalaa Adamarra
Bulchiinsi Yuuniversiitii Saayinsii fi Teeknolooji Adamaa ragaa sobaan barataa Oromoo tokko murtii hidhaa itti kennisisuun dhaga'ame
barataa Gabayyoo Amante kan jedhamuu Yuuniversitii Saayinsii fi teeknoloojii Adamaatti barata wagga tokkoffaa dipartimenti Geology yoo ta'u Dadacha Gaafa caamsaa 27,2014 mana murtii Aanaa Adaamatti Ooleen,ragaa sobaan Wayyaneen irratti ragaasiseen murti hidhaa waggaa Tokkoo murteessera.
Ragaan sobaa irratti bahames,dareedhaa barattoota gadi yasee barumsi bilisumaan bodaa ka'aa falmadhaa jedhe,akka konkolaataa caccabsan ajaja dabarse,imaammata qaama siyaasa ABO adeemsisaa ture.kan jedhu fi kkf dha.warreen ragaa sobaa kana ragga'an lukkelee wayyanee Yuuniversitichaa akka ta'anis irra gahameera.
Dhumarratti Qeerroon YSTA dhaamsa "yaa Oromoo ilmaan kee hidhaa reebichaa fi ajjeechaan itti baay'achaa jiru kanaaf furmaata malee hin callisinaa" jedhu dabarfatu!

No comments:

Post a Comment