Sunday 18 May 2014

Mootummaan Wayyaanee dhiibbaa ilmaan Oromoo irraan gahu Ammas akkuma itti fufe jira
       Caamsaa 18, 2014
      
Mootummaan Wayyaanee dhiibbaa ilmaan Oromoo irraan gahu jabeessuun kan itti fufe guutummaa Oromiyaa keessatti duula hidhaa fi ajjeechaa jabaachuun itti fufe.FDG uummata Oromoon gaggeeffamaa jiru dura dhaabbachuuf filannoo taha jedhee kan fudhate duula hidhaa jumlaa gaggeessaa jira. Gaaffii abbaa biyyummaa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruun wal qabatee ilmaan Oromoo 2600 ol mana hidhaatti kan ukkaamsaman yoommuu tahu. Caamsaa 16,2014 irraa hamma 17,2014 kanatti godinoota adda addaa irraa ilmaan Oromoo hidhaa jira. Akka kanaan
Wallaggaa magaala Mandii
Magaalaa Mandii keessaa FDG wal qabatee Oromoota sabboonoo ta’an Caamsaa 16,2014 irraa eegaluun hidhamuutti argamu Kanneen keessaa:-
Obbo Roobel Qannoo abbaa maatii
Obbo Gammachiis Hambisaa abbaa maatii
Obbo Bookaa hundeessaa abbaa maatii
Obbo Baacaa Kabbadee abbaa maatii
Obbo Fiqiruu Wadaajoo abbaa maatii fi mana nyaataa fi dhugaatii kan qabu
Obbo Eyob Kumarraa mana elektrooniksii kan qabu
Barataa Raajii Abbayyaa kutaa 10ffaa
Barataa Abbushee Hirphaa kutaa 7ffaa
Barataa Dabaloo Tolosaa
Barataa Surraa Caalii 12ffaa
Dargaggoo Eebbisaa Saaqqataa humnaan bulaa
Kanneen tahan keessatti argamu.
Yuuniversitii Haromayaa ,
Haaluma wal fakkaataadhaan mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti argaman Hoogganaa Gumii Afaan Oromoo dabalatee miseensota Gumii Afaan Oromoo mana hidhaatti ukkaamsee jira. Kunneen keessaa barattootni Oromoo
1.Barataa Nimoonaa Caalii hoogganaa Gumii Afaan Oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa
2.Barataa Magarsaa Baqqalaa hoogganaa Gumii Afaan Oromoo duraanii
3.Barataa Firaayaad barreessaa gumii Afaan Oromoo
4.Dargaggoo Girmaa mooraa Yuunivarsiitii keessaa kan rifeensa sirreessu
Kanneen jedhaman keessatti argamu.
Shawaa Lixaa Amboo
Oromoota badii tokkoon malee har’a qabamanii mana hidhaa Wayyaanee jiran keessaa:-
1. Dargaggoo Getachoow Qajeelaa kanaan dura yeroo irraa gara yerootti sochii FDG gaggeessita jechuun mootummaa Wayyaaneetiin dararamaa fi hidhamaa kan ture,
2. Barataa Alamuu Magarsaa barataa kutaa 8ffaa fi barataa mana rifeensaa hojjechuun of jiraachisaa jiru, balleessaa tokko malee humnoota tikaa wayyaanootaan hordofamee ukkaanfamuun hidhatti kan darbame.
3. Dargaggoo Deebisaa Birruu magaalaa Ambootti leenjii konkolaachisummaa barachaa kan jiru, fi nama Obbooleessii isaa
4. Getachoo Birruu bara 2011 humnoota tikaan ukkaanfamee mana hidhaa Wayyaanee Qaallitii keesatti hidhaan dararama kan jiru.
5. Dargaggoo Taammiree Caalaa hojjetaa Wajjiraa dargaggoo aanaa Caalliyaa humna poolisii federaalaan kan ukkanfamee qabamee kanneen keessatti argaman sabboontotni dargaggootni Oromoo hedduum lixa Shawaa irraa balleessa tokko malee mana hidhatti darbamuun dararamaa jiraachuun gabaafamera.
Wallagga Yuuniversitii Naqamtee irraa barattooti rasaasaan reebaman ammos bakka ciisanitti akka tohataman jedhame.
Barattoota Oromoo gaaffii mirgaa gaafataniif deebiin rasaasaan reebamuu kan ta’e heddumminaan Hosptala Naqamtee seenaan keessaa haalaan madaayanii fi dhukubsatanii kanneen jiran addatti tikootaa fi loltoota Wayyaaneen akka tohataman taasifame,maatii fi hiriyyaan bira dhaqee dubbisu akka qoratamu taasifame. Kanneen haalaan qaami isaanii madaayee ammos Wayyaaneen tohatamaa jiran keessaa.1. Barataa Mokonnoon Asaffaa Barataa Yuunibarsiitii Wallaggaa
2. Barataa Gammachuu Butunaa ” ”
3. Barataa Mokonnoon Abarraa ” ”
4. Barataa Guutamaa Galaanaa ” ”
5. Barataa Sofia Kadiir ”
6. Barataa Shimaallis Caffee ”
7. Lammeessaa Balaay ”
8. Barataa Tolawaaq Shaashoo ”
9. Barataa Mul’isaa Tafarraa ”
10. Barataa Naazib Jibril ”
11. Barataa Getachoow Fiqaaduu ”
12. Barataa Galetaa Kumerraa ”
13. Barataa Gammachuu fiqaaduu ”
14. Barattuu Abbabuu Xaafaa ”
Lixa Wallaggaa Aanaa Gullisoo:
Guyyaa lamaan kana FDG wal qabatee naannoon aanichaa waraana Wayyaaneen goolamaa jira,ummanni hedduun hidhaman keessaa hammi tokko:- 1. Gammachuu Taasisaa daldalaa
2. Wandee Nagaasaa jiraataa ganda 01
3. Daawuti Tolaa jiraata ganda 02
4. Mulaatuu Cawwaaqaa qotee bulaa ganda galoo guutee
5. Fiqaaduu Gaarii qotee bulaa ganda galoo guutee
6. Taddalee Guddataa qotee bulaa ganda galoo guute.
7. Barataa Eebbaa Kantiibaa barataa kutaa 11ffaa
8. Barataa Abdii Mokonnoon barataa kutaa 10ffaa
9. Barataa Qananii Daaniel barataa kutaa 7ffaa
10. Barataa Dirribaa Tasfaa barataa kutaa 7ffaa
11. Barataa Girmaa Mulaatuu barataa kutaa 10ffaa
12. Barataa Jifaaraa Busunaa
13. Barataa Obsaa Raggaasaa barataa kutaa 9ffaa
14. Barataa Obsaa Geetanee barataa kutaa 10ffaa
15. Barataa Lalisaa Indaalee barataa kutaa 9ffaa
16. Gammaachuu Waaqjiraa hojjetaa bulchiinsa lafaa,
17. Lijaaleem Immaanaa wajjira bulchiinsaa keessa kan hojjetu dabalatee uummaanni Oromoo nagaan namootni dhibbaan lakka’aman hidhamuu Qeerroon naannicha irraa gabaasee jira.
Lixa Wallaggaa Ayiraa Irraa:-
Godina Dhiha Oromiyaa Lixa Wallaggaa irra ilmaan Oromoo Jumlaan mana hidhaattii guuramanii dararamaa jiru, haala kanaan Aanaa Ayiraa irraa sabboontotni Oromoo Caamsaa 16,2014 hidhaman :
1. Obboo Geetanee Adabaa qotee bulaa
2. Obboo Geetachoo Oljirraa qotee bulaa
3. Barsiisaa Qabanaa Hiikaa
4. Obboo Caalaa Raggaasaa
5. Obboo Damee Daddafaa
6. Barsiisaa Malaakuu Aagaa
7. barsiiraa Hundumaa Awweetuu
8. Barsiisaa Yaared Dheeressaa
9. Barataa Efireem Qanaa’aa
10. Barataa Dirribaa Gaja’aa
11. Barataa Milkeessaa Saamu’eel,
12. Barataa Toleeraa Waaqumaa kanneen keesatti argama
Kanneen jedhaman keessatti argamu.
Oromoon hidhaa fi ajjeechaan qabsoo haqaa irraa akka hin deebine beekamaa dha.Bakka jinitti biyya keessaa fi alaan qabsoo finiinsuun rakkoo fakkaataa kana irraa bahuun murteessaa dha.

Tokkummaan uummata Oromoo yoomiyyuu caalaa amma barbaachisaa fi murteessaa dha

 Caamsaa 18, 2014
Barreeffamoota (barruulee) yeroo adda addaa dhiyeessaa ture keessatti harka caalaa waayee tokkummaa ilmaan Oromoo barreessaa akkan ture ni yaadatama. Yeroo sanatti dhimma tokkummaa cimsee akkan kaasu kan na taasise sababni inni hangafti jaarmayootni Oromoo gara gara hiramanii; qabsaa’otni keenyas akkasuma gara gara faffac’anii humni mooraa keenyaa waan laaafefi. Keessumaayuu ammoo jaarmayaan jaalatamaa Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) bakkee saditti hiramuu isaatu sababa guddaa ta’e. Yeroo waayee tokkummaa qabsaa’otoa, gurmuulee fi jaarmayoota Oromoo barreessu sana tokkummaan ilmaan Oromoo akka uummataatti baay’ee na hin yaaddessine ture. Xiyyeeffannaan kiyyas irra caalaan jaarmayoota siyaasaa keenyatti ture jechuu dha. Har’a garuu haala amma keessa jirru, keessumaayuu haala uummatni Oromiyaa keessa jiru yoon ilaalu, tokkummaa jaarmayootaa qofaa otuu hin taane walumaagalatti tokkummaan uummata Oromoo yoomiyyuu caalaa barbaachisaa akka ta’en hubadha.
Wayyaaneen shira bosona keessatti xaxaa turtetti fayyadamtee; erga maqaa Oromootiin jaarmayaa maxxannee (Dhaaba Diimookraasii Uummata Oromoo – DhDUO ykn OPDO) uumtee ABO irratti duula labsitee kaasee; jaarmayaadhuma kanatti fayyadamuudhaan shira fi daba hamma kana hin jedhamne dalaguudhaan bar-kurnee lamaa ol uummata keenyatti karaalee adda addaatiin roorrisaa jirti. Uummata keenya kan lakkoofsi isaa hin beekamne, kaan mana hidhaa keessatti dararaa; kaan ajjeestee karaarratti gataa; kaan biyya abbaa isaaniirraa akka baqatan taasisaa; tooftaalee adda addaatti fayyadamuudhaan uummata keenyarratti badii guddaa dalagaa turte; ammas bifa biraatiin cimsitee dalagaa jirti. Tooftaan Wayyaaneen amma itti fayyadamaa jirtu garuu bifaanis ta’ee ayinaadhaan kan yeroo biraarra adda ta’ee; uummata Oromoo fi biyya keenya Oromiyaa dhabamsiisuuf kan deemu akka ta’e mul’achaa jira. Karaa tokkoon maqaa shororkeessaatiin, ABO sababa godhachuudhaan ilmaan Oromoo hidhaa fi ajjeesaa turte, jirtis. Karaa biraatiin ammoo, maqaa guddinaa fi misoomaatiin namoota keenya bira dabartee lafa keenyallee daqchee Oromiyaa dhiphisuu fi sirumaa balleessuuf ciminaan dalagaa jirti.
Ana kan gaafii guddaa natti ta’e fi baay’ee na yaaddessaas jiru dhugaa dubbachuudhaaf waayee lakkoofsa uummata Oromoo ti. Yeroo baay’ee uummatni Oromoo lakkoofsaan uummata miliyoona afurtamaa (40) ol ta’u dha jennee dubbachaa jirra. Mee itti yaadnee dhugaas haa dubbannuu, lakkoofsa kana mirkaneessuudhaaf  ragaa qabnaa? Uummatni tokko hanguma du’u dhalachaa fi baay’achaas akka deemu kun seera uumaa ti. Haa ta’u malee, dhugumatti yoo waayee kana ittiyaadne, Wayyaaneen waggoota diigdamii sadeen (23) dabran kana keessatti uummata keenya hangam lakkoofsaa isaa hiri’saa akka dhufte hubachuu dandeenyaa? Uummata keenya kan lakkoofsi isaa guddaa ta’e kana xinneessuu akka danda’an Wayyaanotni, keessumaayuu hogganaan isaanii kan dur Mallasaan dubbatee fi dhaadatee akka ture ni yaadatama. Egaa, waayeen kun gaafii guddaa uumee jira. Otuu lakkoofsa guddaa himannuu, diinni nama-nyaataan kun nu dhabamsiisuuf akka karoorfate fi karoora isaa kanas sadarkaa sadarkaadhaan hojiirra oolchaa akka jiru sirriitti hubachuu qabna. Maastar Plaaniin Finfinnee fi godinaalee addaa Oromiyaa jedhamanii kun karoora diinaa keessaa isa tokkoo dhaa bar.
Har’a barattootni keenya shira nurratti dalagamaa jiru fi badii nutti dhufaa jiru kana hubachuudhaan; dammaqanii gamtaadhaan ka’anii falmchaa jiru. Sababa kanaan ijoolleen keenya akka saree karaarrtti ajjeefamaa; lakkoofsi isaanii kan hinbeekamne mana hidhaatti guuramaa akka jiran Waaqayyoo/Rabbi qofaatu beeka. Inni kunuu qaama duula uummata keenya lakkoofsa isaa xinneessuu ti. Gama tokkoon lakkoofsa uummata keenyaa hir’isaa; gama biraatiin dachee Oromiyaa dhiphisuudhaan; Oromoo fi Oromiyaa dhabamsiisuuf akka deeman ilmi ykn intalli Oromoo kan ija qabu arguu fi kan gurra qabu dhagayuu qaba. Shirri Wayaaneen dalagdu kan lakkaawamee dhumuu miti. Har’allee yeroo qabsoon mirga uummata keenyaa ijoollee keenyaan qabsiifamee akka ibiddaa boba’aa jiru kanatti, uummata keenya sodaachisuu fi/ykn gowwoomsuudhaanis haa ta’u akka uummatni Oromiyaa tokkummaadhaan wal bira hin dhaabbanne godhaa jirti. Yeroo ammaa, yeroo keessa fi alaan sochiin uummata keenyaa cimaa jirutti; yeroo tokkummaan Oromoo yoomiyyuu caalaa addunyaa kanarratti mul’achaa jirutti; uummata addaan hiruu fi walirratti kakaasuuf tooftaa biraatiin duula nurratti godhaa jirti Wayyaaneen.
Waanuma yeroo ammaa ta’aa jiru akka fakkeenyaatti yoo fudhanne, Wayyaaneen dhimma Maastar Plaaanii Finfinnee ilaalchisee, yeroo uummatni Oromoo bal’aan harka walqabatee socha’aa jirutti, uummta keenya sobuu fi sodaachisuudhaan akka hiriira bayanii Maastar Plaanii kana deeggaran fakkeessuuf carraaqaa jirti. Kun tooftaa uummata Oromoo addaanqooduu fi walirratti duulchisuu ykn waldura dhaabsisuu ti. Kunoo uummatni Oromoo Plaanii guddinaa fi misoomaa kana deeggaraa jira jedhanii dubbii dharaatiin hawaasota Addunyaallee afaanfaajjessuuf shira dalagamaa jiru akka ta’e Oromoon hubachuu qaba. Uummatni Oromoo bal’aan waayee Maastar Plaanii Finfinnee kanaan mormaa otuu jiranuu; lakkii isaan kun warra humnootni farra-nagaa fi farra-misoomaa duuba jiranii dha; ijoolleen (barattootni) dhimma kanarratti mormii godhaa jiranillee akkasuma ijoollee muraasa ta’anii dha  jechuudhaan uummata keenya fi kan biroo afaanfaajjeessuuf yaalii guddaa godhaa jirti faashistii Wayyaaneen. Egaa shirri Wayyaanee kan lakkaawamee dhumu fi kana sana jedhumu waan hin taaneef, hanga ishiin hundeedhaan buqqaatee Oromiyaa keessaa achi darbamtutti shirri biraas waan itti fufuuf kana hubachuu fi ofqopheessuutu furmaata dha.
Furmaatni rakkoolee kanaa maali? Yoon gaafii kana kaasu, akka heerragaa salphaadhumatti Foormulaadhaan furmaatni ykn falli rakkoo kanaa isa kana jennee lafa kaayuu akka hin dandeenye beekamaa dha. Qabsoo bilisummaa Oromoo kan haala walxaxaa ta’e kana keessatti godhamaa jiru yookaanis dhimma Oromoo kan baay’ee rakkisaa ta’e kana dhiisii rakkoon biraatuu salphaadhumatti furmaata argachuu hin danda’u. Haa ta’u malee, akka qaama furmaataatti ilaaluu kan dandeenyu inni guddaan tokkummaa uummata Oromoo ti. Inni kun baay’ee barbaachisaa fi murteessaa dha. Otuu irra hin dabrin carraa kanaan wantin ibsuu fedhu tokko, hangan beeku fi hubadhetti, bara 1991 as tokkummaan Oromoo, keessumaayuu biyya ambaa keessatti, hanga yeroo ammaa kan mula’tee hin argine. Kun waan baayee nama gammachiisu fi boonsu dha. Diinni fi alagaan nu tuffachuu fi nutti qoosuudhaan, Oromoon walii hin galtu; Oromoon tokko hin taatu kan jechaa turan, tokkummaadhaan walbira dhaabbachuu keenya yoo argan dhugumatti akka rifatani fi sodaatanillee waan hubatamuu danda’u fi dhara hin taanee dha.
Diina rifachiisuu, naasisuu fi sodaachisuunuu qabsoo isa tarkaanfii duraa ti. Tokkummaan diina sodaachisu kun ammoo cimaa fi babal’achaa deemee humna cimaa fi abdachiisaa yoo uume, wanti diina hin injifanneef sababni ni jira jedhee hin yaadu. Kanaaf, yeroo ammaa tokkummaan uummata Oromoo yoomiyyuu caalaa barbaachisaa qofaa otuu hin taane murteessaallee akka ta’u hubachuu qabna. Tokkummaa keenya qofaatu badii Oromoo fi Oromiyaarraa nu hanbisa. Tokkummaa keenya qofaatu akka addunyaanillee nu hubattu taasisa. Tokkummaa uummata Oromoo qofaatu galii barbaadnutti nu geessuu danda’a. Yoo tokkummaan uummata keenyaa cime, diinni fi alagaan nu keessa seenee addaan nu hiruuf carraa hin argatan. Tokkummaadhaan harka walqabannee keessa fi alaan sochoonee, Oromoo fi Harmee teenya Oromiyaa badiirraa haa oolchinu. Lafeen ilmaan Oromoo kan qabsoo kana keessatti caccabde fi dhiigni ilmaan Oromoo kan dhangalaye; lubbuun gootota keenyaa kan galaafatamte gumaa argachuu qabu. Injifannoon xumuraa kan uummata Oromoo akka ta’u shakkiin hin jiru. Akka shakkiin hin jiraanne, tokkummaa keenya haa jabeessinu.
Galatoomaa!

No comments:

Post a Comment