Saturday 31 May 2014


DIINA IRRATTI WAL-TUMSUUF, YEROOTU GA’E !!

SEENAA Y.G (2005) | Caamsaa 31, 2014
Addunyaa kana irratti wanni raawwatamu hundumtuu yeroo mataa isaa qaba. waan yeroo isaa eeggatee dhalatu yk umamu hundumtuu umurii ni qabaata. Keessattu adeemsa siyaasaa keessatti, wanni yeroo isaatti gaggeeffamu qabu, dursee ykn barfatee akka gaggeeffamu yoo taasisan, bu’aa isaa irra kasaaraa isaatu caala. Tokko isa tokko dursee yoo dhufees, badii inni dhaqabsiisutu hammaata. Miidhaa Ummata keenya irra ga’u irraa kaanee fi gama keenyaan sochii keessa jirru ilaallee ykn waan Mooraa qabsoo keessatti uamame irraa kaanee, sadarkaa dhuunfaa eegallee hanga gurmutti, maal murteeffannee akka tarkaanfataa turre, hundatu qalbiitii qaba. waggoota dabarsine kana keessa waan nu mudatetti aarree , Qabsoon Ummata kanaa akka dhumateefitti kaa fudhanne , abdiis kan kutatee diinattillee gale, jette jetteen ummata kan burjaajeesse, hojjachuu irra abaarsaa fi qeeqa tarrisee rakkoo jiru dhiphisuu irra , caalaattu akka hammaatu kan taasise, Ummataaf yaadu irra , Naannummaatti gadi bu’ee yk galagalee deebi’ee kan yeella’ee, kkf  Ummati Biyya keessaas ta’ee ala jiraatu akka dansaatti hordofee, ejjannoo mataa isaa qabatee deebii kenneera. Waan Umame sanaan mo’amee, addunyaa salphinaa keessatti kan waliin-jigee hafe lakkoofasa hin qabu.
Waan keessa dabarre kun kana booda ni dabalama jechuun gonkumaa hin danda’amu. Waggaa lama dura Barreeffama “walii galan alaa galan” jedhu keessatti , “wal ga’iin, har’a wal diiguuf gaggeeffamu hundumtuu, waggaa 2 fi 3 booda ammoo, walitti deebi’uuf gaggeeffamuun waan hin hafne ta’uu fi Ummati waan yeroo sanatti umametti odoo hin hifannee qabsoo isaa itti fufu akka qabu kaaseen ture. yeroo sanatti yaada kana kanan kaaseef, waan keessa keenyattis ta’uu , nuun alatti nu mudatu hundaa odoo hin ilaaliin, badiis ta’uu tolaa waan eroo isaatti dhalatu odoo hin keessummeessin ykn itti ihin qoramiin,  waan yaadinu tokkotti akka hin baane hubachuu irraa ture. waan wal hammacee argine sun hundumtuu qabsoo Oromoo keessatti yerooma isaa ture. har’a garuu yeroo isaa miti. Yeroos waan sana kan uume, waan har’a irra geenye irra waan hin geenyefidha.
Akka amantaa kiyyatti , waan Qabsoo Oromoo mudate hundi isaa jabaannus , dhiisnuus kan nu hin hafneedha jedheen yaada. Humna waraanaa jabaa odoo qabaanneyyuu , bakka barbaannu ni geenya jedhee gaabbiin yaadee hin beeku. waan yeroo fi gaarii nu mudatan hunda irra osoo hin tarkaanfannee wayitti hin baanu jedheen amana.  Odoo waan hanga har’aatti jiru haguugamee irra dabarree illee, yeroo Biyya keenya dhuunfannee jennu dhohee nu gaaga’uun isaa hin hafu. Namni wal bira dhaabbateef ykn wal ga’ii irra waan waliin taa’eef, ykn waliin sirbeef , keessa isaatii waliin jira jechuu miti. Yaada gara garaa qabaachuu mala. Namni wal irraa fagaatee taa’eef ykn jiraateef adda ba’e ykn gargara faca’ee jechuus miti. Yaada kana lameen waan keessa dabarreen mirkaneessu dandeenya. Waliin jirra odoo jedhamu gargar baanee argamneerra. Lakki waliin hin jiran odoo jedhamuu , kunoo Biyya keessaa fi alatti seenaa hojjanneerra. Hundumtuu yeroo fi haaluma isaa eeggata . haalaa fi yeroo wal simuu barbaachisa. Kana jechuun yeroo eeggachuuf jecha mugnee teenya jechuu miti. Hawwiin Nama keessaa baduu hin dandeessu. Inni dursuu qabu garuu  hawwii keenya odoo hin taanee, waan hawwii keenya dhugeessinu irratti akkamiin akka hojjannu keewwachuudha.
Wanni  adeemsa isaa hin fixanne tokko balaan isaa hamaadha. Addatti adeemsa siyaasaa keessatti , humni ykn sabni gar tokko qofti dammaqee humnaan saba hin dammaqine yoo bilisoomse rakkoon isa mudatu salphaa hin ta’u. akka Somaaliyaa fi sudaan kibbaa waluma fixaa jiraachuu ta’a. Seenaa Biyyoota hedduu kaasuu dandeenya. Haala kanaan rakkoo Qabsoo keenya keessatti umame hangamu nu miidhu, hegaree keenyaaf ykn bakka har’a irra jirruuf gumaacha mataa isaa taasisee jira. Kana booda Qabsoo Oromoo dura dhaabbatee kan jiru, Diina qofaa ta’uu, hundatti mul’ataa dhufeera. Waan dabre irraa barachuun bu’aan isaa kanadha. Kana malees, Wanni keessa keenyatti dhalatee nu miidhu kana booda jiraachuuf carraa kan  argatu hin fakkaatu. Akka dhunfaatti dhalachuu ni danda’a . akka gurmuutti garuu kan dhumate fakkaata. Yoo yaadame illee Ummata keessaa moggeeffamuuf yoo ta’e, ykn dantaa halagaaf yaadame yoo ta’ee malee, Ummata ofiif yaadame akka hin taane kan dhugeeffamu gaafa guyyaa lama buluu dhabuudha.
Injifannoo irraa qofaa odoo hin taane, kufaatii irraallee ni baratama. Oromoon Seera Umamaatti akkaan amana. Seera umamaa jechuun tartiiba guddinaa, jiruu fi jireenya Ummataatti ibsama. Gamtaan Ummata Oromoo Biyya keessaa fi alatti argaa jirru, waggoota sadii dura odoo yaalamee ta’ee, ni danda’ama turee? ? Gootummaa Ummata keenyaa kana waggaa 3 durattillee odoo mudatee ta’ee, Tokkummaan har’a arginu ni umamu ture ? waan Ummata kanaa fi Mooraa qabsoo Oromoo keessatti argaa jirru , waggaa 10 dura osoo yaalamee ni milkaa’aa turee ? gaaffiilee kkf kaafnee yoo ilaalle, hawwii nuuti Qabsoo fi Ummata keenyaaf qabnu hundumtuu, waan keessa dabruu fi fixachuu qabu  ykn waan dursa raawwatamuu qabu tokkoo odoo hin xumurree,  bakka yaannutti tarkaanfachu akka hin dandeenye nu hubachiisee, hegaree keenyaafis, waan dursee raawwatamu qabuuf dursa kennuu akka qabnu, bakka yaannu ga’uuf waan nu irraa eegamu gama hundaan gumaachuun akka nu barbaachisu nu hubachiisa. Dhalli Oromoo waan isa mudate irraa baratee, Oromoof Oromoon ala falli biraa akka hin jirre wayita hubatetti, Barattoonni fi Ummati murannoon waan keessa isaa jiru dhiigaan yeroo mirkaneessu, Lammiin Oromoo bakka jiru akka waliif birmatu taasise. Haalaa fi yeroo akkasitti wal simanii jennaan waan isaan dhaabu gonkumaa hin jiru kanan jedheef kanaafi.
Sadarkaan Siyaasa Oromoo, Qabsoo Oromoo fi Dammaqiinsa  Ummata keenyaa irra ga’ee jiru ilaallatanii keessummeessuun dirqiidha. Kana waliin sadarkaan diina keenya irra jirus hubatanii Ummata qajeelchuuf yeroon mijataa umamaa jiraachuu hubachuu barbaachisa. Kanaafan Mata duree kiyya har’aa , “Diina irratti wal tumsuuf , yerootu ga’ee !!” kanan jedheef.
Baatii Xumurree kana keessa, fedhiin Ummata Oromoo eessa akka jiru kan hin hubannee, waan addunyaan itti jiru gonkumaa kan hin beekneedha.dhalli Oromoo bakka jirutti,  dhimma Oromoon wal qabatee, Haala umametti dhimma ba’uun , Dirqama dhala Oromoo hundaati. Waan yeroon kun irraan nu geessetti dhimma ba’uun, ammas, waan boriif jedhamu miti.Akka dhaaba Siyaasaatti maal hojjanna ? akka miseensa dhaaba siyaasa tokkotti, maaltu narraa eegama??  akka deeggaraatti maalin hojjadha. ? akka Ummataatti ykn Oromootti dirqamni narraa eegamu maali ? Ogummaa ani qabuun ykn beekumsa ani qabuun yk dandeetti ani qabuun Ummata kiyyaaf maalan gumaacha ? Qabsoo gaggeeffamaa jiruuf maal gumaachuun qaba ? gargaarsa maalii taasisuutu narraa eegama ? bakka hojii yk Biyyan jiru yk sadarkaa beekumsa yk qabeenyaa qabu kanaan, deeggarsa akkamii lammii koof gumaachuu danda’a ? kkf , akka dhuunfaattis, akka waloottis kaasanii mari’atanii , qooda mataa ofii gumaachuuf yerootu ga’ee jira.
Dhimma Ummata ofii keessatti, qooda nama dhuunfaa kaasee hanga walotti nu gaafatu ba’aachuuf, miseensa dhaabaa ta’uu qofaa odoo hin taanee, Oromoo ta’uun qofti ga’aa ta’uu akka dansaatti hubachuu nu feesisa. Qabsoon gama kamiinu , humna kamiinu  haa gaggeeffamu , deeggarsi bifa kamiituu dhaabbachuu akka hin qabne taasisuuf ,haala waan kana dhugeessuu danda’u ummachuun, haalaan barbaachisaa ta’uu yerootu nu dirqisiisaa jira. carraa lammiin Oromoo keessa jirutti dhimma ba’uuf socha’uu nu feesisa. sadarkaan yaadaa fi fedhiin keenyaa sadarkaa kanatti ol guddachuu qaba. akkaataa caasaan jireenya hawaasummaa fi Aadaa keenya keessa jiran , akkamiin qabsoo kana keessatti qooda fudhachuu danda’u ? bifa kamiin deeggarsa isaanii kennuu danda’u ? jennee haala mijeeffachuu fi wal tumsuuf karaa bal’ifachuun, yeroo isaatu ga’ee jira.
Qabxiilee kanatti aananii jiran akka yaadaatti dhiheessuun yaala . gadi fageenyaan katabuuf dirree kanatu hin toluf.
GADAAn, Dimokiraasiin Oromoof,  Aadaa Umama isaa ta’uu kan mirkaneessudha ! wayita jennu maal jechuu keenyadha ? Bara Gadaan jiru , dhaabbileen siyaasaa hin turre. Osoo yeroo san jiraatanii , Sirna Gadaa keessatti akkamiin jiraatu turan ? har’a ammoo Gadaan hin jiru. Dhaabbileen siyaasaa garuu guutaniiru. Yeroon akkasii kunoo . waan wal jala dabre kana keessatti qoodi keenya maalii ? kana beektoonni keenya of gaafatanii hegareef maal akka ta’u ammumaa hojjachuu qaban. Gadaan boruu ittin jiraanna jennu, Gadaa Shanan qofaa jiraachisuuf deemamoo, dhaabbilee Siyaasaas akka itti hammatutu jira ? ? moo, Ilaalchii siyaasaa nu hin barbaachisu ! jennema cufna? Moo , kana booda haala kana mijeessuuf hojjanna ? gama kanaan waan katabee jiru dubbisees dhaga’ees hin beeku. Kana qopheessuuf dhaaba keessatti hammatamuu yk miseensa ta’uutu ulaagaa lafa kaa’ameedha jedhee kan falmu jira natti hin faakkaatu. Dirree siyaasaa keessatti hundumtuu wal dhiphisuu irra , waan beekumsii fi ogummaan ofii namaa hayyamtu irratti bobba’anii waan ofii har’afis boriifis gumaachuuf hojjachuun, waan tokko bakka tokkotti kufamee wal dhiphisuu irraa nu baraaree , adeemsa keenya illee shaffisiisuu danda’a jedheen yaada .
Yaada kaase kana beektoota keenyaaf dhiisee , yaada ani ibsachuu barbaadetti haa ce’u. Oromiyaa hegareef ijaarru keessatti ilaalcha siyaasaa akkamii qabaachuu dandeenya ? isa jedhuuf qaama ilaallatuuf dhiisuus, har’a tumsa keenya jabeessuuf garuu , Ilaalcha lama boruu Ummati irratti murteeffatu illee yoo fudhanne, humna jiru gargar facaasuu irra , Ilaalchi kamuu jiraatu, Diina irratti wal tumsuun akka danda’amu garuu yerootu nu mirkaneessaa jira. Deeggarsi barbaachisu illee Qabsoo Oromoof jedhamee carraa gargaarsaa akkaataa itti bal’fachuu fi dhala hundaaf dirqama ta’uu qabu irratti yeroon nu akeekaa jira.
Dadhabbii Qabsaa’oota keenyaaf bakka laannee, Qabsoo Oromoo kana caalaa tumsa nu irraa barbaachisu taasifnee furgaasuu akka dandeenyu yerootu caalaatti dhugeessaa jira. Ummati Oromoo wareegama barbaachisuuf qophii ta’uu isaa yerootu ragaadha. Wareegamni Barattootaa fi Ummataa Biyya keessatti kafalaa jiran, hundee waan hundaa ta’ee akka itti fufu qabu, yerootu dirqama seenaa nu kaa’e jira. Miira Ummata keenyaa kana qindeeffachuu fi diina irratti wal ta’uun akka danda’amu yerootu ragaa waliin nu dhiheesse jira.kanaaf deebii kennuun ammoo diqama dhala Oromoo hundaati. Waan keessa dabarree irraa barannee jirra. Isa boodas qormaata 1ffaa baatii kanaan irra aanneerra . itti fufummaan isaa garuu hawwii qofaan akka hin dhugoomne itti amanuu barbaachisa. Kaanf ,,,,,,,,  Kutaa 2ffaan itti fufa.            
GALATOOMAA !!!
HORAA BULAA !

No comments:

Post a Comment