Wednesday 28 May 2014


QEERROO

The National Youth Movement for Freedom and Democracy



FDG Itti Fufuun Walitti Bu’iins Sabboontota Oromoo fi Ergamtoota Sirna Wayyaanee Jidduu Jabaate Itti Fufe.

Caamsaa 27,2014 D.Doolloo
Godina Wallaggaa,Qeellam Anfillo gada Yettii fi Muggii keessatti FDG jabaatee itti fufuun guyyaa lamaan darban keessatti walitti bu’iinsi Oromootaa fi ergamtoota Wayyaanee kanneen mashaa sirnichaa baatanii uumata Oromoo irratti roorrisan jidduu haalaan hammaatee itti fufee ture.Eda Caamsaa 27,2014 hakan keessaa sa’aa 5:00 irratti diddaa sirna Wayyaanee uumanni Oromoo kaasaniin lelliftooti mootummaa Wayyaanee fi degertooti isaa magaalaa Muggii fi Yettii gadhiisanii baqachaa jiraachuun gabaasi nu gahe addeessa. Haala kanatti kan rifate mootummaan Wayyaanee humna waraana Federaalaa heddumminaan gama sanitti akka bobbaasaa jirus gabaasi amma nu gahe ni ibsa.Gama kaaniin dargaggoonni naannoo kanaa karaa irratti bahanii ABO fi WBO faarsaa ” Guyyaan har’aa Oromoo dha” sirba jedhuu fi walleelee warraqsaa adda addaan akka sirbaa oolan beekamee jira.


No comments:

Post a Comment