Thursday 29 May 2014


Waamicha Wal-gahii WWDO, Waxabajjii 01, 2014

WWDO logo - 5.2814Walgah’iin WWDO idleen Dilbata, Waxabajjii 01, 2014, sa’aa 6:00wb irraa eegalee galma Jaarmiyaa Hawaasa Oromoo, Washington DCtti geggeeffama.
Kanaaf, walga’ii kanatti dargaggoonni Oromoo Washington naannoo isaa jiraattan akka itti hirmaattan kan hafeeramtan yoo ta’u, guyyaa kanatti haala ummata Oromoo fi Oromiyaa yeroo ammaa irratti akkasumas dhimmoota waldaa irrattis mariin ni taasifama. Guyyaa kanatti sagantooti gaggabaaboo biroos ni dhiyaatu.
Sochii biyya keessaa dargaggoota fi barattoota Oromootiin adda durummaan sagalee ummata keenyaa ol kaasee dhageessisaa jirus dhiyeenyatti hordoofuun dargaggoota Oromoo ala kana jiran irraa waan eegamuuf walitti dhiyaannee hafuura wal utubuutiin akka dhaabbannuu fi lammii Oromoo biyya keessaaf sagalee ta’uu caalatti akka itti fufunu dhaamsa yeroo dabarsaa, sagalee uummataa ta’uu keeyssatti qoodi dargaggoota Oromoo hagam murteessaa akka ta’e ifatti mirkana’aa jira.
Kanaaf, guyyaa kanatti bakkaa fi sa’aa caqasametti argamuudhaan qophilee qabnutti akka hirmaattan gaafachaa, asumaan dargaggoon irree uummata keenyaa ta’uus hojiidhan akka mul’ifnu waamicha keenya kabajaa dabarsina.
Bakki: Jaarmiyaa Hawaasa Oromoo,
6212 3rd Street, NW,
Washington, DC 20011
Sa’aatii: 6:00w.b.
Dargaggoon Oromoo Irree Oromoyaati!!!
Koree Gidduu WWDO.

No comments:

Post a Comment