Wednesday 14 May 2014

Tamsaasni saatalaayitii Oromia Media Network Itoophiyaa keessatti akka hin daawwatamne ukkamsameera

Tamsaasni keenya Itoophiyaa keessatti kan addaan cite har’a ganama sa’a 04:38:00 GMT irraa eegalee akka ta’e hubachuu dandeenyeerra.
Kunimmoo kan ta’e marsaan intarneetii yookaan websaayitiin keenya www.oromiamedia.org Caamsaa gaafa Lamaa (2/05/2014) Itoophiyaa keessatti akka hin qaqqabamne erga cufameen booda dha.
Mootummaan Itoophiyaa sabaa himaalee walabaa ukkaamsuu, gaazexeessitoota ogummaa isaanii irratti hundaahuun bilisaan mootummaa qeeqanillee adamsee hidhuun amalaa isaa akka ta’e ni beekama.
Televizyiniin saatalaayitii Oromia Media Network (OMN), qabiyyee hawwataa ta’an fi odeeffannoo wayitawaa ta’e  naamusa gaazexeessummaa addunyaalessaa irratti hundaahuun Oromiyaa fi naannolee ollaatiif  tamsaasuun sabaa himaa walabaa isa jalqabaati.
Dhaamsi daawwattota keenyaaf dabarsuu barbaannu, tamsaasa OMN yeroo gabaabaa keessatti gara qilleensaatti deebisuudhaaf hojjattoonni fi qaamni bulchiinsaa OMN tattaaffii gochaa jiran. Kanaaf, daawwattoonni keenya Itoophiyaa keessa jirtan obsaan akka nu eggatan kabajaan isin gaafachaa, hanga gara saatalaayitiitti deebinutti, sagantaalee keenya gama FACEBOOK fi YOUTUBE tiin nu hordofuu akka dandeessan isin beeksifna. Dhumarrattis, ittifufinsa OMN mirkaneessuudhaaf ummati  keenya deegarsa gochaa jiru daraan cimsee akka ittifufu asuman waamicha koo dabarsuun barbaada.
Girmaa Taaddasaa,

No comments:

Post a Comment